Fana: At a Speed of Life!

Agarsiifni aadaa 4ffaa sabaa, sablamootaa fi ummattootaa naannoo Beenishaanguul Gumuuz magaalaa Asoosaatti gaggeeffama jira

Finfinnee, Eebla 2, 2013 (FBC)- Agarsiifni aadaa 4ffaa sabaa, sablamootaa fi ummattootaa naannoo Beenishaanguul Gumuuz magaalaa Asoosaatti gaggeeffama jira.
Agarsiisichi mata duree ‘aadaa hedduu, tokkuumaa fi nageenya itti fufaaf’ jedhuun qopheessuummaa biiroo aadaa fi turizimii naannichaan guyyaa lamaaf kan itti fufu taha.
Agarsiisicharratti hooggantoota hojii mootummaa olaanoo naannichaa dabalatee hooggantootni waajjira aadaa fi turizimii aanaalee argamaniiru.
Saganticharratti kan argaman Bakka bu’aan preezadaantii naannichaa fi hogganaan biiroo qonnaa fi qabeenya uumaamaa obbo Babaakir Kaliif aadaan calaqisiistuu eenyummaa saboota tahuu ibsaniiru.
Akka biroon dhimmoota kominikeeshinii mootummaa naannichaa beeksiseetti,agarsiisicharratti nyaanni fi uffannio aadaa sabaa, sablammoota ummattoota dhiayaateera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.