Fana: At a Speed of Life!

Akka ammaa kana carraan osoo turee gara hidhannootti hin gallu ture – Ambaasaaddar Leencoo Baatii

Finfinnee, Onkoloolessa 3, 2014 (FBC) – Akka amma mootummaan haaraan jalqabe kana carraan filannoo osoo turee gara hidhannootti hin gallu ture jedhan miseensa Hoggansa ABO duraanii fi Saa’uud Arabiyaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Leencoo Baatiin.
Gaaffiin ummata Ityoophiyaa bara dheeraa dheebuu jijjiirramaa ta’uu kan ibsan Ambaasaaddar leencoon, obbola’ummaa fi walqixummaan hogganaa Paartilee siyaasaa akka diinaatti osoo hin taane akka qaama ijaarsa biyyaatti ilaalu abbaa muul’ataa argachuun gaaffii ummata Ityoophiyaa ta’uu kaasaniiru.
Yeroo ammaa hawwiin isaanii dhugoomuu himaniiru.
Bara 1960 eegalee gaaffiin mirgaa fi hirmaannaa siyaasaa hayyoonni fi dargaggoonni biyyattii hedduun lubbuu isaanii kan itti wareegan ta’uu ibsaniiru.
Hoggansi jijjiirramaa qabsoo hadhaawaa ummataan gara aangootti dhufe mootummaan haaraan ammaa hundaa’e gaaffii ummataaf kabaja malu laachuun paartilee siyaasaa biroo waliin hojjechuuf tattaaffiin eegale kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.
Maddi:-DhPI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.