Fana: At a Speed of Life!

Akka idil Addunyaatti namoonni 120 ol qoricha sobaa karaa Intarneetiin gurguruun to’ataman

Finfinnee, Fulbaana 15, 2013 (FBC)- Akka idil Addunyaatti namoonni 120 ol qoricha sobaa karaa Intarneetiin gurguruun to’ataman.

Akka idil-Addunyaatti namoonni 120 ol qoricha sobaa karaa Intarneetiin Doolaara miiliyoona 14tti gurguruun to’annoo jala oolusaanii Hogganaa Biiroo Giddugala Interpool Raashiyaa Mejer Jeneraal Aleeksaander Pirookopichuuki beeksisan.

Karaa Intaarneetii tatamsa’ina qorichawwan seeraan alaafi meeshaalee yaalii hambisuuf duulli karoorfamuusaa Jeneraalichi himaniiru.

Duulichis erga Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa waa’ee dhibee vaayrasii koroonaa labsuu eegalee jalqabee rakkoo kana irratti xiyyeeffannoon itti kennamuusaa dubbataniiru.

Akka ibsa Jeneraalichaatti Raashiyaa keessatti buufatalee hawaasaa kuma 4fi iddoon buufatalee kunneen sakatta’amuu himaniiru.

Hogganaa Biiroo Giddugala Interpool Raashiyaa Mejer Jeneraal Aleeksaander namoonni 34 gochaa seeraa alaa raawaachuun to’atamuu Tajaajila oduu Taasiif ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.