Fana: At a Speed of Life!

Albamiin Haacaaluu Hundaassaa ‘Maal Mallisaa’ addunyaarratti sadarkaa 3ffaa qabachuu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2013 (FBC) – Albamiin Hacaaluu ‘Maal Mallisaa’ iTunes Worldwide Chart irratti sadarkaa 3ffaa qabachuu himameera.
Albamiin Hacaaluu Hundeessaa Waxabbajjii 21 gadhiifame “Maal Mallisaa?” jedhu, gabaa muuziqaa internetii iTunes irratti, albamoota addunyaarratti hedduu gurguraman keessaa sadarkaa 3ffaa irratti argama.
Albamiin kun Kanaadaa fi Awustraaliyaatti albamii hedduu iTunes irratti gurguraamaa jiru sadarkaa 1ffaa irratti argama.
US keessatti ammoo sadarkaa 2ffaa irratti argama.
Biriitaaniyaatti ammo sadarkaa 9ffaa qabeteera jedhame.
Albamiin kun biyyoota hedduu keessatti sadarkaa ‘Top 10’ jedhaman keessaa galee jira.
Chaartiin kun sa’aatiidha sa’aatiitti akka gurgurtaan dabalaa ykn hir’achaa deemeen kan geggeeddaramaa deemudha jedhame.
iTunes chaartiin albamoota weellistoota sirbi isaanii gabaa intarneetaa ITunes Store irratti gurgurame waliin madaaluun kam akka caalaatti gurguramaa jiru sadarkaan kaa’a.
Maddi:-BBC
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.