Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Alamaayyoon Ministeera Dhima Alaa Raashiyaatti Daayreekata dhimmoota Afrikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 15, 2013 (FBC) – Raashiyaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Alaamaayyoo Taganuun Ministeera Dhimma Alaa Raashiyaatti daayreektara Dhimmoota Afrikaa Tikaacheenkoo Veesvalood waliin dhimmoota waqtaawaa biyyaalessaarratti mari’ataniiru.
Ambaasaaddar Alamaayyoon duula olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigraayitti gaggeeffame, dhimma Hidha Haaromsaa, Waldhabdee daangaa Ityoo – Sudaanii fi Filannoo Biyyaalessaa marsaa 6ffaarratti daayreektarichaaf ibsa taasiisaniiru.
Gaanfa Afrikaatti nagaa fi tasgabbii buusuuf deeggarsa Raashiyaan taasiisaa jirtu galateeffataniiru.
Tikaacheenkoo Veesvalood gama isaaniin, Raashiyaan Ityoophiyaa fi Gaanfa Afrikaatti nagaa fi tasgabbiin akka jiraatu cimsitee kan hojjettu ta’uu mirkaneessaniiru.
Biyyoonni lamaan odeeffannoo sobaa tatamsa’aa jiru waloon ittisuu akka qaban hubachiisuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.