Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Baacaa Dabaleen hawaasni  idil Addunyaa waamicha mootummaan Ityoophiyaa nageenyaaf taasise akka deeggaru gafatan

Finfinnee, Fulbaana 12, 2015(FBC)- keeniyaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Baacaa Dabaleen hawaasni idil addunyaa waamicha mootummaan Ityoophiyaa nageenyaaf taasise akka deeggaru gaafatan.

Ambaasaaddar Baacaan Keeniyaatti hoggantuu Waajjira Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Zayinab Hawaa Banguraafitti xalayaa waajjirichatti ergamaa dhaabbii ta’uun itti muudaman dhiyeessaniiru.

Ga’ee olaanaa Ityoophiyaan dhaabbaticha keessatti qabduufi haala yeroo biyyattiirratti Ambaasaaddar Baacaan ibsa laataniiru.

Mootummaan Ityoophiyaa dhaabbaticha waliin dameewwan jijjiirama qabeenya qilleensaa, misooma magaalotaafi nageenya idil addunyaarratti hojjechuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru.

Ityoophiyaan biyyoota ergama nageenya kabachiisuu dhaabbatichaaf loltoota hedduu bobbaasan keessaa tokko ta’uu eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.