Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan Ityoophiyaatti Dhimma Raawwachiistuu Embaasii Ameerikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 8, 2015(FBC)-Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan Ityoophiyaatti Dhimma Raawwachiistuu Embaasii Ameerikaa Ambaasaaddar Tireesii Jaakoobsan waliin dhimmoota garaagaraarratti mari’ataniiru.

Ityoophiyaafi Ameerikaan tumsa gam-lamee, naannawaafi damee hunda galeessarratti waliin qaban haala cimsuun danda’amurratti mari’achuu eerameera.

Jeequmsa Sudaanitti mudate hordofee tattaaffii Ameerikaan lammiileeshee baasuuf taasiste keessatti tumsa Ityoophiyaan taasisteef galateeffataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.