Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Nabiil Maahaad Ministira Raayyaa Ittisa Biyya Sudaan Kibbaa waliin mari’ate

Finfinnee, Eebila 16, 2013 (FBC) – Ambaasaaddar Nabiil Maahaad Ministira Raayyaa Ittisa Biyya Sudaan Kibbaa Anjaliinaa Teeniiy dhimmoota naannoo fi hariiroo biyyoota lamaanii irratti waliin mari’ataniiru.
Ambaasaaddar Nabiil Maahaad ijaarsi bu’uuraalee biyyoota lamaanii cimee itti fufuu akka qabu hubachiisaniiru.
Dabalataanis, hidha haaromsaa, haala waqtaawaa naannoo Tigiraay, daangaa Ityoo-Sudaan fi filannoo bara kana gaggeeffamurratti ibsa laataniiru.
Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Sudaan Kibbaa Anjaliinaa Teeniiy gama isaaniin, Ityoophiyaan rakkoo nageenyaa waliin walqabatee deeggarsa ummata Sudaan Kibbaaf taasifte dinqisiifataniiru.
Ityoophiyaan naannichaa fi naannichaan alatti gumaachi isheen nageenyaaf taasiftu cimaa tahuu himaniiru.
Olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigiraay waliin walqabatee dhimma keessoo tahuu kaasuun giddu seentummaan alaa fudhatama akka hin qabne eeraniiru.
Hidha haaromsaa waliin walqabatee rakkoo Afrikaanoota furmaata Afrikaanootaan jedhuun bu’uuruma Gamtaan Afrikaa kaa’een waliigaltichi itti fufuu akka qabu hubachiisuu ragaan ministeera Dhimma Alaarraa arganne ni mul’isa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.