Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Nabiil Mahaadiin gorsaa nageenyaa Preezdaantii Sudaan Kibbaa Tuut Gaatluuk waliin mari’atan

Finfinnee, Guraandhala 3, 2014 (FBC)- Sudaan Kibbaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Nabiil Mahaadiin gorsaa nageenyaa Preezdaantii Sudaan Kibbaa Tuut Gaatluuk waliin mari’atan.

Ambaasaaddar Nabiil haala yeroo Ityoophiyaa ilaalchisee Tuut Gaatluukiif ibsa laachuu ibsameera.

Waliigaltee biyyaalessaa uumuuf marii biyyaalessaa hunda hirmaachise gaggeessuuf mootummaan Ityoophiyaa qophii taasisaa jiraachuu eeraniiru.

Mariin biyyaalessaa gaggeeffamuuf jedhu kutaaleen hawaasaa Ityoophiyaa keessa jiran mootummaarraa amanataa akka qabaatan kan taasisu ta’uu kaasaniiru.

Mootummaan nageenya waaraaf tattaaffii taasisus gareen shororkeessaa ABUT naannolee olaarratti haleellaa raawwachuu itti fufuu addeessaniiru.

Gorsaan nageenyaa Preezdaantii Sudaan Kibbaa Tuut Gaatluuk gamasaaniin daammannaa Afyaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa obbo Taaggasaa Caafoo Sudaan Kibbaatti taasisanii turan yaadachiisuun hojiin nagenyaa daangaa biyyoota lameeniirraa akka cimu gaafataniiru.

Biyyoonni lamaan hariiroo seena qabeessa kan qaban ta’uu kaasuun nageenya mirkanessuuf hoggansa bilchaataa Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad agarsiisaa jiran kan dinqisiifatan ta’uu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.