Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Reedwaan, gita isaanii Poorchugaal waliin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 4, 2013 (FBC) – Ministir deettaan Ministeera Dhimma Alaa ambaasaaddar Reedwaan Huseen gita isaanii Poorchugaal Teereezaa Riibeeyroo waliin mari’atan.
 
Dhimmoota hariiroo biyyoota lamaanii cimsan irratti mari’ataniiru.
 
Ambaasaaddar Reedwaan Huseen hariiroon biyyoota lamanii bara dheeraa kan lakkoofsise ta’uu eeruun, Poorcghugaal Preezdaantii Mana Maree gamtaa Awrooppaa ta’uun filatamuu isheetti gammachuu itti dhaga’ame ibsaniiru.
 
Hariiroo biyyoota lamaanii fi idila addunyaa kana dura ture caalmaatti cimsuuf kan hojjetan ta’uu himaniiru.
 
Gamtaan Awrooppaa fi gamtaan Afrikaa hariiroo cimaa qabaniin dhimma godaansarratti furmaata waaraa laachuuf tattaaffii cimaa taasisan kan itti fufan ta’uu ambaasaaddar Reedwaan Huseen dubbataniiru.
 
Ardiileen lamaan faayidaa ummattoota isaanii eegsisuuf hariiroo hawaasummaa, misooma diinagdaa, Invaastimantii fi daldalaarratti cimanii ni hojjetu jedhan.
 
Teereezaa Riibeeyroo gama isaaniin barri haaraan 2013 Ityoophiyaaf bara gaarii akka ta’u hawwii qaban ibsaniiru.
 
Poorchugaal hariiroo Ityoophiyaa fi Afrikaa waliin qabduuf xiyyeeffannoo addaa laatti jedhan.
 
Poorchugaal bara Preezdaantummaa gamtaa Awrooppaa isheen hariiroo Afrikaa waliin qabduuf dursa kenniti jedhaniiru.
 
Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf hariiroo Ityoophiyaa waliin qaban cimsanii kan itti fufan ta’uu dubbachuu isaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni agarsiisa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.