Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Shifarraw Taklamaariyaam hooggantoota hojii waldaa damee oomishaa Afrikaa Kibbaa waliin mariitan

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2013 (FBC) – Ambaasaaddar Shifarraw Taklamaariyaam hooggantoota hojii waldaa damee oomishaa Afrikaa Kibbaa waliin mariitan.

Afrikaa Kibbaatti Ambaasaaddar Ityoophiyaa Shifarraw Taklamaariyaam hooggantoota hojii waldaa damee oomishaa Afrikaa Kibbaa waliin mariitaniiru.

Ambaasaaddar Shifarraw Taklamaariyaam guyyaa kaleessaa hoji gaggeessaa olaanaa dhaabbatichaa Fiilip Roodiseet waliin magaalaa Johaanisbargitti marii’achuu ragaan Afrikaa Kibbaatti Imbaasii Ityoophiyaa irraa argannee ni mul’isa.

Waltajjichaan Ambaasaaddar Shifarraw Taklamaariyaam dhabbileen Ityoophiyaatti damee inadaastirii oomishaan bobba’uu barbaadaniif ibsa bal’aa laataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.