Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Taayyeen Sudaanitti ergamaa Addaa Barreessaa Olaanaa DhMG waliin mari’atan

Finfinnee, Ebla 14, 2016 (FBC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaaseen Sudaanitti ergamaa Addaa Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Raamtaanee Laamaamraa waliin mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Taayyeen Sudaanitti Ergamaa Addaa Antooniyoo Guutareez Raamtaanee Laamaamraa waliin haala walitti bu’iinsa Sudaan mudate hiikuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Rakkicha hiikuuf adeemsi nageenyaa lammiilee Sudaaniin durfamuu fi Gamtaa Afrikaan deeggaramu barbaachisaa ta’uu mari’achuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.