Fana: At a Speed of Life!

Ambootti balaa ibiddaan qabeenyi Birrii miiliyoona 3.6 oliitti tilmaamamu manca’e

Finfinnee, Ebla 7, 2016 (FBC)- Magaalaa Ambootti balaa ibiiddaa mudateen qabeenyi Birrii miiliyoona 3.6oliitti tilmaamamu manca’uun ibsame.

Balichis manneen daldalaa Magaalicha Ganda Awwaroo Qoraatti mudachuun ibsameera.

Qajeelcha Poolisii Bulchiinsa Magaalaa Ambootti Itti Gaafatamaa Kutaa Qorannoo Yaakkaa Komaandar Waldee Dhaabaa akka jedhanitti balaan ibiddaa uumeemen Qabeenya irra miidhaan dhaqqabuu ibsanii,ka’umsi balichaas qoratamaa jiras jedhan.

Balaa mudateen qabeenyi Birrii miliyoona 3.6 olitti tilmaamamu manca’uunis himameera.

Hawaasni magaalichaa haala qilleensa jijjiramaa jiruun walqabatee balaan adda addaa tasa uumamuu waan danda’uuf hawaasni of eggannaa cimaa akka taasisu dhaamuu ragaan kominikeeshinii Magaalichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.