Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaa fi Ingiliizii iddoolee Finciltoota Hutii 36 haleeluu ibsame

Finfinnee, Amajjii 26, 2016 (FBC) – Ameerikaa fi Ingiliizii iddoolee ijoo Finciltoota Hutii 36 irratti xiyyeeffachuun haleeluu Waraanni Ajaja Giddu Galeessaa Ameerikaa beeksiise.

Biyyoonni lamaan humna Qilleensaa fi Galaanaan haleellaa kana raawwachuu ajajichi ibseera.

Humna waraanaa finciltoota kanneenii dadhabsiisuuf haleellaa kana qindoominaan raawwachuu himeera.

Haleellaa Ameerikaa fi Ingiliiz waloon raawwataniif deebii cimaan kan isaan eegatu ta’uu Finciltoonni Hutii Kaaba Yemanitti argamu akeekkachiiseera.

Dubbii Himaan Waraana Finciltoota Hutii Birgaader Jeneraal Yaahiyaa Saar, haleellaan akka kanaa tumsa Filisxeemootaaf taasifnurraa nu hin daangeessu jechuun ibsaniiru.

Finciltoonni Hutii erga lolli Isiraa’eelii fi Hamaas eegale tumsa Filisxeemootaaf qaban mul’isuuf Dooniwwan Ingiliizii fi Ameerikaa naannawaa Galaana Diimarra socho’anirratti haleellaa raawwachaa turaniiru.

Ameerikaa fi Ingiliiz gama isaaniin nageenya fi tasgabbii naannawaa Galaana Diimaa tiksuuf Hutiirratti duula bal’aa Qilleensaa fi Galaanarraa gaggeessaa jiraachuu RT fi Press TVn gabaasaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.