Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan aanga’oota Chaayinaa Viizaa dhorkite

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2012 (FBC) – Ameerikaan dhimma Hoong Koong waliin walqabsiise aanga’oota Chaayinaa Viizaa dhorkuu ishee beeksifte.
Dhorki Viizicha aanga’oota biyyaattii duraanii fi kan ammaa kan ilaallatu ta’uu Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa Maayik Poompiyoon dubbataniiru.
Beejiing birmadummaa Hoong Koong sarbite jechuun aanga’oota dhimmichi ilaallaturratti murtichi darbeera.
 
Seeneetiin Ameerikaa Chaayinaan mirga Hoong Koong sarbite jechuun aanga’oota biyyattii waliin akka hin hojjennee fi baankoota biyyattiirratti tarkaanfii fudhachuu dubbataniiru.
 
Yaata’uutii dhorki Viizichaa kan ilaallatuu eenyuumman aanga’oota Chaaniyaa hin ibsamne.
 
Imbaasiin Chaayinaa murteen Waashiingitan dogongora jechuun qeeqera.
Imbaasichi Ameerikaan dogoggoora ishee sirreessuun dhimma Chaayinaa keessa galuu akka dhaabdu yaadachiiseera.
 
Chaayinaan tibba kana aangoo nageenyaa Hoong Koongirratti qabdu ilaalchisee seera baafteerti.
Maddi:-BBC
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.