Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan AGOA Ityoophiyaarraa qoqqobuuf fedhiin agarsiiste birmaduummaa Ityoophiyaanootaarratti kan aggamameedha

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2014 (FBC)- Ameerikaan AGOA ‘AFRICAN GROWTH AND OPPORTUNITY ACT’ Ityoophiyaarraa qoqqobuuf fedhiin agarsiiste birmaaduummaa Ityoophiyaanootaarratti kan aggamamee jechuun hojjettoonni Paarkii Indaastirii Hawaasaa himaniiru.

Gaazixeessitoonni biyyaa keessaa fi alaa Paarkii Indaastirii Hawaasaa daawwataniiru.

Paarkicha keessatti hojjetaa kan jiran dhaabbilee oomishtootaa fi hojjettoota waliinis turtii taasisaniiru.

Paarkicha keessaatti abbaa qabeenyaa sheedoota lamaa Naasaa Gaarmant kan ta’aan Reegvaandiir Paataar AGOA Ityoophiyaarra qoqqoobuuf tattaaffii taasifamuuf hojjettoonni paarkicha keessaa hojjetaan, dhaabbilee oomishtootaa biyya alaarra gara biyyaa dhufaan akkasumas diinagdee biyyaa kan miidhuudha jedhaniiru.

Hojjettoota kuma 1 fi 400 kan qabu Naasaa Gaarmant oomishaleen %98 ta’aan gara Ameerikaatti ergamu.

Kanaafis Ameerikaan AGOA Ityoophiyaarraa qoqqobuuf fedhiin agarsiiste hojiirra akka hin oollee abdii qaban ibsuun mootummaan Ityoophiyaa qoqqoobbichi hojiirra akka hin oolleef sochiin eegalee cimee akka itti fufuu gaafataniiru.

Fireeywot Saffiitu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.