Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan deeggarsa Doolaara biiliyoona 95 Isiraa’eel, Yukreenii fi Taayiwaaniif raggaasifte

Finfinnee, Guraandhala 5, 2016 (FBC) – Seeneetiin Ameerikaa deeggarsa Doolaara biiliyoona 95 Isiraa’eel, Yukreenii fi Taayiwaaniif raggaasise.

Deeggarsichi sagalee deeggarsaa 67 fi sagalee mormii 32 kan ragga’e yoo ta’uu, bakka buutoonni Riippaablikaanootaa murticha cimsanii mormuu isaanii ibsameera.

Deeggarsi taasiifame nageenya biyyaalessa Ameerikaa mirkaneessuuf, akkasumas humna Waraanaa Yukreenii fi Isiraa’eel cimsuuf ta’uu himameera.

Dabalataan dhiyeessa deeggarsa namoomaa Taayiwaanii fi Gaazaaf oola jedhameera.

Gama biroon seeneetichi dhimmoota nageenya Ameerikaaf sodaa ta’a kan jedhame dhimma daangaa Ameerikaa fi Meeksiikoo ilaalchisee murtoo dabarsuu ‘USA Today’ gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.