Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan deeggarsa namoomaa Ityoophiyaaf taasiiftu cimsitee itti fufti – Ambaasaaddar Giitaa Paasii

Finfinnee, Eebila 13, 2013 (FBC) – Ameerikaan deeggarsa namoomaa Ityoophiyaaf taasiiftu cimsitee kan itti fuftu ta’uu Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Ambaasaaddar Giitaa Paasii ibsaniiru.

Ministirri Ministeera Nageenyaa aadde Mufariyaat Kamiil Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Ameerikaa Giitaa Paasii waliin dhimmoota waqtaawaarratti mari’ataniiru.

Ijaarsa sirna Diimookiraasii lafa qabsiisuuf hojiilee Ministeerri Nageenyaa raawwataa jirurratti aadde Mufariyaat ambaasaaddar Giitaa Paasiif ibsa taasiiisaniiru.

Duula olaantummaa seeraa mirkaneessuu naannoo Tigraayiitti gaggeeffame hordofee naannicha deebisanii ijaaruuf tarkanfilee fudhatamaa jiru ilaalchisees ibsa laachuu isaanii ibsameera.

Deeggarsa namoomaa mootummaa fi ummanni Ameerikaa taasiisaa jiraniif galateeffataniiru.

Ambaasaaddar Giitaa Paasii gama isaaniin jijjiirrama Ityoophiyaa keessatti gaggeeffamaa ture hordofaa turuu ibsuun, deeggarsi namoomaa gama mootummaa Ameerikaan taasiifamuu cimee kan itti fufu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Nageenyaarra argame ni agarsiisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.