Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonatin du’aani kuma 200 caale

Finfinnee, Fulbaana 13, 2013(FBC)- Ameerikaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaatin lubbuu isaanii darbee kuma 200 caaleera.

Vaayrasii koroonaa erga muul’atee baatiwwan 8 keessatti addunyaa waliin ga’aa jira.

Ameerikaan biyyoota irra caalaan addunyarratti vaayrasichan hubamaan keessa ishee jalqaabati.

Biyyattitti namoonni miiliyoonni 7 ol vaayrasiichan yoo qabaman, lubbuun namoota kuma 200 oliis darbeera.

Addunyarratti namoonni miiliyoonni 31 ol vaayrasichaan yoo qabaman, kumni dhibbi 9 kumi 75 ol lubbuu isaanii dhabaniiru.

Miiliyoonni 23 ol ammoo dandamataniiru.

Maddi:-BBC fi Worldometer

Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.