Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaatti namoonni vaayrasii koroonaan lubbuun darbe kuma 100 caale

Finfinnee, Caamsaa 20, 2012 (FBC) – Ameerikaatti namoonni vaayrasii koroonaan lubbuun darbe kuma 100 caaleera.

Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp ‘utaalloo salphaadha’ osoo jedhanii vaayrasichi lubbuu lammiilee kuma dhibba galafateera.

Ameerikaan vaayrasichaan lakkoofsii lubbuun lammmileeshee dhabdee waggoottan 44 darban waraansa Veetinaam, Iiraaq, Afgaanistaan fi kooriyaan jala du’anii walitti idaa’amee kan caaluu ta’u himameera.

Ameerikaatti namni jalqaba vaayrasii koroonaan qabamee baatii Amajjii 21 ture.

Akka ragaan Yuunivrasiiti Joohn Hoppikins, muul’sitti hanga ammatti Ameerikaa keessatti COVID- 19 lammiileen kuma 100 fi 276 du’aniiru.

namoonni miiliyoonni 1.69 vaayrasichaaf saaxilamaniiru.

Namoota lubbuun darbee keessaa hedduun isaanii umrii waggaa 85 olii kan ta’aniidha.

Adduunyaarratti ammoo namoonni vaayrasichaan qabaman miiliyoona 5.6 yoo ta’u, kumni dhibbi 3 fi kumni 54 fi 984 ammoo warreen lubbuun darbeedha.

Maddi:-BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.