Fana: At a Speed of Life!

Aministii Intarnaashinaal dabalatee dhaabbileen idila addunyaa arrabsoo sanyummaa taphattoota gurraacharra ga’e balaaleeffatan

Finfinnee, Adooleessa 5, 2013 (FBC) – Aministii Intarnaashinaal dabalatee dhaabbileen idil addunyaa fi Muummeen Ministiraa Ingilaandi arrabsoo sanyummaa taphattoota kubbaa miilaa bifaan gurraachaa garee biyyaalessaa Ingilaand irra ga’e balaaleffataniiru.
Dorgommii xumuraa waancaa Awurooppaa eda galgala taphatame irratti Ingilaand rukuttaa adda bahiinsaan Xaaliyaaniin injifatamuu hordofee, miidiyaalee hawaasummaarraatti taphattoonni bifaan gurraachaa rukkutaa adda bahiinsaa qolan arrabsoo sanyummaaf saaxilamaniiru.
Jaarmiyaan mirga dhala namaaf falmu Aministii Intarnaashinaal ”Saakaa, Raashfoordi, Saanchoo fi taphattoota bifaan gurraachaa biroo cinaan jira” jechuun, arrabsoo sanyummaa irratti raawwatamaa jiru balaaleffateera.
Kubbaa miilaa keessa, akkasumas miidiyaa hawaasaa gubbaa fi hawaasa keessa jibba sanyummaaf bakki hin jiru jedheera.
Jibba sanyummaa miidiyaa hawaasaa gubbaa taphattoota garee biyyaalessaa Ingilaand kana irratti dhangala’aa jiru kana dura dhaabbanna jechuun balaaleeffateera.
Leenjisaan garee Biyyaaleessa Ingilaandi Gaareez Saawuuz Geet gama isaaniin arrabsoo taphattoota kanneenirra ga’aa jiru balaaleeffataniiru.
Muummeen Ministiraa Ingilaand Booriis Joosanis arrabsoo sanyummaa miidiyaalee hawaasummaan taphattoota bifaan gurraachaa kaneenirratti adeemaa jiru daraan kan balaaleeffatan ta’uu ibsaniiru.
Akkasumas Asooseeshiniin Kubbaa Miilaa Biyyattiis gochicha balaaleeffateera.
Dhaabbanni Fees Buukiis dhimmicha balaaleeffachuun arrabsoowwan kanneen fuula isaarraa ariitiin kan haqu ta’uu ibseera.
Maddi:-BBC fi SKY Sport
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.