Fana: At a Speed of Life!

Ammaan booda Kubbaan miilaa sanyummaan keessatti calaqqisu hin jiraatu – FIFA

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2015 (FBC) – Federeeshiniin Waldaa Kubbaa Miilaa Addunyaa ammaan booda Kubbaan miilaa sanyummaan keessatti calaqqisu kan hin jiraanne ta’uu ifoomse.

Waldichi koree farra sanyummaa taphattootaa taphataa sarara fuulduraa Biraaziil Viiniishiiyes Juuniiyeriin durfamu hundeesseera.

Pireezidaantiin Federeeshiniin Waldaa Kubbaa Miilaa Addunyaa Jiiyaan Infaantiinoon kana booda Kubbaan Miilaa Sanyummaa kan hin jiraanne ta’uu eeruun, taphni haleellaan sanyummaa keessatti mul’ate guutummaatti adda cituu akka qabu ibsaniiru.

Koreen farra sanyummaa kun haleellaa sanyummaa karaa seeraan ittisuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.

Mootummoonni Addunyaa fi miidiyaaleen sanyummaa ittisuuf dhiibbaa taasiisuu akka qaban Pireezidaantichi gaafachuu Meeyil Ispoortiin gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.