Fana: At a Speed of Life!

Antooniyoo Gutareez Dooktar Abiy deeggarsi namoomaa akka Tigraayiin qaqqabuuf haala mijeessuuf waada galan dinqisifatan

Finfinnee, Adooleessa 3, 2013 (FBC)- Antooniyoo Gutareez Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy deeggarsi namoomaa akka naannoo Tigraayiin qaqqabuuf haala mijeessuuf waada galan dinqisifataniiru.

Dooktar Abiy Ahimadii fi Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutareez haala waqtaawaa naannoo Tigraayirratti bilbilaan mari’ataniiru.

Mariin isaanii sochii deeggarsa namoomaa naannoo Tigraayirratti kan xiyyeeffatee akka ture dubbi himaan bareessaa olaanichaa kaleessaa ibsa laataniin himaniiru.

Dooktar Abiy Ahimad dhaabbileen deeggarsa namoomaa laataan naannoo Tigraayitti deeggarsaa  barbaachisaa akka taasisaan himaniiru.

Dooktar Abiy naannoo Tigraayitti dhiyeessii humna elektirikaa fi bilbilaa aariitiin jalqabsiisuuf waada galaniiru.

Antooniyoo Gutareez Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy deeggarsi namoonaa akka naannoo Tigraayiin qaqqabuuf haala mijeessuuf waada galan dinqisifataniiru.

Kanarra darbees mootummaan naannoo Tigraayitti kan gaggeeffamuu hojii qonnaaf dhuukaasaa dhaabuu fi deeggarsi namoomaa akka qaqqabuuf tajaajila balallii eeyyamuusaa kan jajjabeeffamuu ta’u himaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.