Fana: At a Speed of Life!

Arjummaafi gaarummaa Nabii Muhaammad (SAW) qajeeltoo jireenya keenyaa godhachuu qabna- Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Fulbaana 27, 2015 (FBC) – Arjummaafi gaarummaa Nabii Muhaammad (SAW) qajeeltoo jireenya keenyaa godhachuu qabna jedhan Pireezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa.

Obbo Shimallis Abdiisaa ayyaana Mawulidaa guyyaa boruu ayyaaneffamu sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Guutuun ergaa isaanii akka ittaanutti dhiyaateera.

Kabajamtoota hordoftoota Amantaa Islaamaa Naannoofi biyya keenyatti akkasumas addunyaa maratti argamtan baga sirna kabaja guyyaa dhaloota Nabii Muhaammad (SAW) waggaa 1497ffaaf nagaan geessan, baga waliin geenye.

Ayyaanni Mowlidaa hordoftoota amantaa Islaamaa biratti sirna ho’aadhaan kan kabajamuufi ayyaanota akka biyya keenyaatti kabajaman keessaa tokkodha.

Ayyaanni Mowlidaa mallattoo gaarummaa, arjoomaa, tokkummaa, nageenyaa fi irree gamtummaan kan guutame, hordoftoota amantaa Islaamaa biratti akka guyyaa qulqulluufi kabajaatti kan ilaalamuu fi yaadatamee ooludha.

Nabii Muhaammad (SAW) dhalatanii umurii waggaa 40 tti Qur’aana barsiisaa, kallattii Islaamaa ummata qabsiisaafi qajeeltoon amantichaa akka babal’atu kan taasisaniidha. Qajeeltoo kanaanis hamaa yaaduufi haqa dabsuun daandii sirrii akka hin taane, amanamummaafi obbolummaan waliin jiraachuufi walii yaaduun hojii eebbifamaa ta’uu dhalaa namaa barsiisaniiru.

Biyyi keenya Itoophiyaan biyya nagaa, jaalalaafi hammattummaadhaan beekkamtu ta’uu ishee Sahaabota Nabii Muhaammad (SAW) irraa ergaman simattee kunuunsuun hidhata cimaa amanticha waliin kan horatteefi dhuudhaan wal danda’uufi kabajaan waliin jiraachuu keessatti dagaage ta’uu kaleessaa hanga har’aatti gochaan kan dhugoomsitedha.

Seenaafi duudhaa gabbataa kana kudhaammannee rakkoo har’aa kan ittiin furannu, egeree boruu biyya keenyaatiif galaa dhalootaa kan taasifannu ta’uu qaba.

Ayyaana Mowlidaa bara kanaas yemmuu kaabajnu barsiisa NabiI Muhaammad (SAW) bu’uura godhachuudhaan miira waalii yaaduufi obbolummaatiin kan daare uwwisuun, kan beela’e nyaachisuun, kan dhibame gaafachuun kabajuun murteessaafi barbaachisaadha.

Keessumattuu, yeroo biyyi keenya dhiibbaawwan kallattii garaa garaatiin ishee muudatan keessaa baatee jijjiirama roga maraan eegalte milkeessuuf tattaaffachaa jirtu kana keessatti aadaafi duudhaa wal bira dhaabbachuu, wal gargaaruufi obbolummaan waliin jiraachuu barootaaf nu waliin har’a gahe daran cimsinee itti fufsiisuutu nurraa eegama.

Duudhaan eebbifamaan guyyaa kabaja Ayyaana Mowlidaa raawwatamu kun qajeeltoo namni huduu jiruufi jireenya guyyaa guyyaasaa keessatti aadeffatu ta’uu qaba.

Ayyaanni Mowlidaa bara kanaas duudhaafi sona guddaa qabnu kan itti jabeeffannu, rakkoowwan uumamaafi nam-tolchee nu mudachaa jiran keessaa injifannoon itti baanu akka nuu ta’uuf hunduu gahee isaa akka bahatu dhaamuun fedha.

Walumaagalatti birmadummaa biyya keenyaa kabachiisuufi nageenya keenya mirkaneessuu irratti kan argaman Raayyaa Ittisa Biyyaafi caasaalee nageenyaa hunda bira dhaabbachuufi deeggarsa gama hundaan taasisaa jirtan cimsitanii akka itti fuftan dhaamaa ayyaanni Mowlidaa bara 2015 kan nagaa, sadoofi gammachuu akka isiniif ta’u hawwii koon ibsa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.