Fana: At a Speed of Life!

Arsenaalii fi Maanchister Yuunayitid si’a 237ffaaf walmorkatu

Finfinnee, Hagayya 28, 2015 (FBC)- Tapha Pirimeerliigii Ingilaandi torbee 4ffaan Arsenaal dirree isaa Filaay Emireet irratti Maanchister Yuunayitid har’a keessummeessu hawwiin eegama.

Kilaboonni taphattoota bitanii walitti gurguruu hinbarbaannee taphattootaa hanga deeggartootaatti miira masaanummaan ijibbaata falmachuun qabxii sadii argatanii galuuf sa’aatii 12:30 irratti beellama qabataniiru.

Arsenaal tapha tokko osoo hinmoo’amiin waancaa kan fudhate nuti mootii kubbaa miilaati yoo jedhu, Maanchister Yuunayitid ammoo nuti waancaa tokko lamaan lafa dhiphisna osoo taane waancaan tarree galchinee mana Ooltifaafordi guutuudha jedhu.

Seenaa isaaniitiin Arsenaal yeroo 84 olaantummaa yoo fudhatu, Maanchister Yuunayitid ammoo yeroo 99 olaantummaa fudhachuun yeroo 53 ammoo qabxii qooddachuun gargar deebi’aniiru.

Maanchistar Yuunayitid torbee kana yoo injifate seenaa keessatti Arsenaalin si’a 100ffaa moo’achuun kabajachuuf qopha’aa jira.

Tasfaayee Ijjiguutu gabaase

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.