Fana: At a Speed of Life!

Arsii Lixaatti kenna tajaajila lammummaan tajaajilli Birrii biiliyoona 1.9 hojjetamuu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 30, 2016 (FBC) – Arsii Lixaatti kenna tajaajila lammummaan tajaajilli Birrii biiliyoona 1.9 raawwatamuu Waajjirri Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii godinichaa ibseera.

Itti gaafatamtuun Waajjira Dhimma Dubartootaaf Daa’immanii godina Arsii Lixaa Aadde Maliyaa Tufaa godinichatti kenna tajaajila lammummaan tajaajilli Birrii biiliyoona 1.9tti tilmaamam raawwatamuu himaniiru.

Deeggarsaa ijaarsii fi suphaan manneen harka qalleeyyii Kuma 6 fi 197 raawwatamuu dubbataniiru.

Dubartoonni Kumni 73 ol tajaajilicharraa fayyadamoo ta’uu eeraniiru.

Godinichatti Kenni tajaajila lammammuu marsaa 2ffaanis eegalameera.

Oduu biroon godinichatti har’a guyyaan Riivaanii Adii yeroo 18ffaaf kabajameera

Guyyichi mata duree ‘yoomuu, Eessattuu, haalakaam keessattuu, miidhaa Koorniyaa Bu’uureffaterratti hincaldhisnu’ jedhuun kabajameera

Jibriil Huseentu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.