Fana: At a Speed of Life!

Artistoonni 3 waliin ta’uun Ummata Booranaa hongeen miidhameef midhaan nyaataa deeggaran

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2014 (FBC) – Artiist Qamar Yusuuf, Taaddalaa Gammachuu fi Abbuush Zallaqaa waliin ta’uun midhaan nyaataa Birrii kuma dhibba 2 ol baasu bituun uummata Booranaaf erganiiru.

Booranatti hongeen yoo mudatu jiruun horsiise bulaa loon fi beelladoota biroo irratti waan bu’uureffamuuf miidhaan isaa hamaa ta’uu Artiist Abbuush Zallaqaa.

Kanaafis akka ka’umsaatti artistoota kanneen waliin midhaan nyaataa bitanii geessuuf murteessanis gara fuulduraatti koonsartii qopheessuun galii walitti qabuuf karoora qabaachuu himeera.

Kanaan dura yeroo Oromoonni hedduun naannoo Somaaleerraa buqqa’an deeggarsa taasifame keessatti gaheen artistootaa olaanaa akka ture kan yaadachiise artist Qamar Yusuuf, ammoo kun Kan jalqabaa malee kan dhumaa miti jedheera.

Humna guddaa aartiin qabutti fayyadamuun Uummata miidhamaa jiru gargaaruuf karoora qabaachuu kan hime artist Taaddalaa Gammachuu, Abbootiin qabeenyaa fi lammiileen biyyattii biroos waan danda’aniin akka bira dhaabbatan dhaamuu OBN gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.