Fana: At a Speed of Life!

Atileet Addisuu Nagaash fiigicha Guddicha Wancii Kiiloo Meetira 10 injifate

Finfinnee, Amajjii 18, 2016 (FBC) – Atileet Addisuu Nagaash fiigicha guddicha Wancii Kiiloo Meetira 10 dhiiroota gidduutti dorgomame injifateera.

Atileet Mogos Ni’uumaan 2ffaa fi Atileet Eeliyaas Caanneen 3ffaa ba’uun xumuraniiru.

Dorgommii Dubartootaa gidduutti fiiggameen ammo Atileet Geexee Alamaayyoon sadarkaa 1ffaan yoo xumurtu, Atileet Footan Tasfaayee 2ffaa fi Atileet Nuuriit Ahmad 3ffaa ba’uun xumuraniiru.

Atileetoota sadarkaa 1ffaan xumuraniif Badhaasni Birrii kuma 150, 2ffaaf kumni 90 fi 3ffaan xumuraniif kumni 80 kennameera.

Fiigichi kun Oromiyaan Atileetotaafi Tuuristoota biyya Keessaafi Alaa keessummeessuuf haala mijataa qabaachuu kan dhugoomse ta’uu Hogganaan Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa Obbo maatiwoos Sabbooqaan eeraniiru.

Fiigichi guddaa kun Wagga waggaan kan itti fufu ta’uu Pireezidaantiin Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa gargaartuun Komishinaraa Atileet Daraartuu Tulluun ibsaniiru.

Hirmaattoota dorgomichaas galateeffataniiru.

Nageenyi bu’uura waan hundaa waan ta’uu fi hundi nageenyaaf waardiyaa dhaabachuu akka qaban Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisaa Dooktar Abrahaam Balaay eeraniiru.

Kaffaaloo Shifarraatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.