Fana: At a Speed of Life!

Atileet Amanee Bariisoon Maraatoonii Boostaan 2ffaan xumurte

Finfinnee, Eebla 9, 2015 (FBC)- Maraatoonii Boostaan Ameerikaatti gaggeeffameen Atileet Amanee Bariisoon sadarkaa 2ffaan xumurteetti.

Atileet Amaneen, dorgommichaa sa’aatii 2 fi daqiiqaa 21 fi sekoonii 50 kan itti fudhate yoo ta’u sekoondii 12’n durfamuun 2ffaa baateetti.

Atileetiin Keeniyaa Heelen Obirii sa’aatii 2 fi daqiiqaa 21 fi sekoondii 38’n 1ffaa baa’uun xumurteetti.

Dorgommicha ramaddii dhiiraan, Atileetiin Keeniyaa Ivaan Cheebeet 1ffaa yoo ba’u, Atileetiin Taanzaaniyaa Gabireel Geey 2ffaa akkasumas Atleetiin Keeniyaa Beensuun Kiipireeto 3ffaan xumureera.

Ityoophiyaa bakka bu’uun fageenyichaa kan dorgomee Atileet Shuuraa Qixxaataa 14ffaa ba’uun xumuruu ragaan Maraatoonii Boostan irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.