Fana: At a Speed of Life!

Atileet Malkaa Darribee fi Daraartuu Hayiluu Maaraatoonii Shuuzuu injifatan

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2016 (FBC) – Fiigicha Maaraatoonii Chaayinaa Shuuzuutti fiiggameen Atileetoonni Itiyoophiyaa Koorniyaa lamaaniinuu milkaa’an.

Dorgommii Maaraatoonii Dhiiroota gidduutti gaggeeffameen Atileet Malkaa Darribee sa’aatii 2 fi daqiiqaa 14 fi sekondii 23n xumuruun injifateera.

Fiigicha dubartoota gidduutti dorgomameen ammoo Atileet Daraartuu Hayiluu Sa’aatii 2 fi daqiiqaa 27 fi sekondii 47n xumuruun injifatteerti.

Atileet Daraartuun riikkardii iddichaa kana dura sa’aatii 2 fi daqiiqaa 36 qabamee ture fooyyeessuun injifachuu Piiplis Deeyiliin gabaaseera.

Fiigicha Maaraatoonii Shuuzuu kanarratti waliigalaan Atileetoonni kumni 30 ol hirmaachuu ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.