Fana: At a Speed of Life!

Atileet Saamu’eel Fireewu Fiigicha Gufachiisaa Meetira kuma 3’n Meedaliyaa Warqee argamsiise

Finfinnee, Bitootessa 9, 2016 (FBC)- Tapha guutuu Afrikaarratti Atileet Saamu’eel Fireewu Fiigicha Gufachiisaa meetira kuma 3’n Meedaliyaa Warqee jalqabaa Itiyoophiyaf argamsiiseera.

Tapha guutuu Afrikaa 13ffaan Gaanaa Akiraatti gaggeeffamaa jira.
Dorgommicharratti Atleetonni Itiyoophiyaa hirmaachaa kan jiran yoo ta’u Dorgommii Fiigichaa gufachiisaa dhiirotaa meetira kuma 3’n Atileet Saamu’eel Fireewu Meedaliyaa Warqee jalqabaa Itiyoophiyaf argamsiisuun eerameera.

Dorgommicha, fiigicha meetira kuma 5 dubartootaa gaggeeffamuun Atileetonni Itiyoophiyaa kan eegaman ta’uu ragaan Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophyaarraa argame n mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.