Fana: At a Speed of Life!

Atileet Taammiraat Tolaan Maraatoonii Niwuyoorki injifate

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2016 (FBC)- Dorgommii Fiigicha Maraatoonii Magaalaa Niwuyoork 2023 Dhiirotaan Atileet Taammiraat Tolaan 1ffaa ba’uun injifateera.

Dorgommicha dubartootaan ammo Atileet Lattasanbat Giday 2ffaan xumurteetti.

Dorgommicha Atilet Taammiraat Tolaan Sa’aatii 2 fi daqiiqaa 04 fi sekoondii 58’n 1ffaan yoo xumuru, Atileetiin Keeniyaa Albarti Koririi ammo sa’aatii 2 fi daqiiqaa 06 fi sekoondii 57’n 2ffaan xumureera.

Atileeti Shuuraa Qixxaataa sa’aatii 2 fi daqiiqaa 07 fi sekoondii 11’n 3ffaan xumureera.

Gama biraatiin dorgommicha dubartootaataan Atileetiin Keeniyaa Heelan Ibirii sa’aatii 2 fi daqiiqaa 27 fi sekoondii 23’n yoo injifattu Atileet Lattasanbat Giday sa’aatii 2 fi daqiiqaa 27 fi sekoondii 29’n 2ffaan xumuruu dandeesseetti.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.