Fana: At a Speed of Life!

Atileet Tigisti Asaffaan filannoo badhaasa xumuraa Atileetii cimtuu waggaa 5 marsaa xumuraaf geesse

Finfinnee, Sadaasa 3, 2016 (FBC) – Fiigicha Maaraatooniin riikkardii addunyaa kan fooyyeessite Atileet Tigisti Asaffaan kaadhimamtoota badhaasa waggaa Atileetii cimtuu marsaa xumuraaf geesse.

Atileetiksiin Addunyaa atileetota shan marsaa xumuraaf gahan har’a beeksiseera.

Atileet Tigist Asaffaa, Atileetiin Neezarlaandi Feemkee Bool, Kan Jaamaayikaa Sheeriikaa Jaaksan, Kan Keeniyaa Faayiz KiiPiyyeegoonii fi Atileetiin Veenzuweelaa Yuulii Maar Rooyaas kaadhimamtoota xumuraa ta’uu ragaan Atileetiksii Addunyaarraa argame ni mul’isa.

Badhaasni Atileetii cimtuu fi cimaa waggaa torbee dhufu keessa ni ifooma jedhame.

Kana dura Atileet Masarat Daffaariifi Ganzabee Dibaabaan badhaasicha injifatanii turan.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.