Fana: At a Speed of Life!

Atleettoonni Ityoophiyaa qabxii boonsaa galmeessan

Atleetonni Ityoophiyaa dorgommii idil addunyaa Sanbataa fi Dilbata gaggeeffameen qabxii boonsaa galmeessisan

Finfinnee, Muddee 27, 2012 (FBC) – Atleetonni Ityoophiyaa dorgommii idil addunyaa Sanbataa fi Dilbata gaggeeffameen qabxii boonsaa galmeessisaniiru.

Torbee dabarsine Sanbataa fi Dilbata atleetonni dhiiraa 9 fi shamarran 12 dorgommii addunyaa garagaraarratti hirmaataniiru.

waldorgommii maraatoonii Xi’aameen Chaayinatti gaggeeffameen dhiirootaan Atleet Birhaanuu Nabbabeew fageenya sa’aatii 2:08:16 sadarkaa 1ffaan yoo injifatu, Atleet Girmaay Birhaanuu fageenyaa sa’aatii 2:08:52, Atleet Abdiisaa Tashoomee fageenyaa sa’aatii 2:10:21, Atleet Dajanee Gonfaa ammoo fageenya sa’aatii 2:11:07 walduraa duubaan 3ffaa, 4ffaa fi 5ffaan xumuraniiru.

Atileetoota shamaraniin Atleet Madiinaa Damee dorgommicha fageenya sa’aatii 2:26:12 sadarkaa 1ffaan yoo injifattu, Atleet Masarat Husseen Dubbisoo fageenya sa’aatii 2:26:28, Atleet Aferaa Godfaay Birhaa fageenya sa’aatii 2:26:42 fi Atleet Hiwoot Ayyaalew fageenya sa’aatii 2:26:54 walduraa duubaan sadarkaa 2ffaa, 3ffaa fi 4ffaa qabachuun xumuraniiru.

Waldorgommii maraatoonii Meeridaa Meeksikootti gaggeeffameen Atleet Gazaaheny Hundee fageenya sa’aatii 2:17:19 sadarkaa 1ffaan dorgommicha injifateera.

Waldorgommii walakkaa maraatoonii Adanaa Tuurkitti gaggeeffameen dhiirootaan Atleet Gaataayee Fissehaa fageenya sa’aatii 1:02:34 sadarkaa 3ffaan yoo xumuru Atleet Faxxanee Alamuu Raggaasaa ammoo fageenya sa’aatii 1:07:14 sadarkaa 6ffaan xumureera.

Dorgommicha atileetoota shamarraniin Atleet Attaalel Annimuut fageenya sa’aatii 1:09:49 sadarkaa 2ffaan yoo xumurtu Atleet Agaree Balaachew ammoo fageenya sa’aatii 1:10:56 sadarkaa 4ffaan xumurteetti.

Waldorgommii qaxaamura biyyaa Amoreebi’eeta Ispaanitti gaggeeffameen fageenya meetra 10700 dhiirootaan Atleet Inyaaw Makonniin fageenya daqiiqaa 33:32 sadarkaa 1ffaan yoo xumuruu gama shamarraniin fageenya meetra 8700 Atleet Tsigee Abrahaa daqiiqaa 29:54 sadarkaa 1ffaan xumurteetti.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.