Fana: At a Speed of Life!

Atleet Biraanuu Tsagguun waggaa 4f dorgommiirraa ittifame

Finfinnee, Bitootessa 10, 2012 (FBC) – Atleet Biraanuu Tsagguun waggaa 4f dorgommiirraa ittifame

Atleetichi si’eessituu fayyadamee argamuu isaatini adabbichi kan itti murtaa’e.

Adabbichaan dorgommiiwwan gosa kamiitirraayyuu ittifameera.

Fulbaana darbe dorgommii walakkaa maaraatoonaa Deenmaark Kooppanhaaganitti gaggeeffamerratti si’eessituu dhoorkame fayyadamuun shakkamee baatii 7f dhimmisaa qoratamaa turuun ni yaadatama.

Qorannoo taasifamaa tureenis si’eessituu fayyadamuun isaa beekameera.

Atleetichi kanaan dura badiin raawwate waan hin turreef baatii Faranjootaa Fulbaana 15,2019 eegalee amma baatii Faranjootaa Fulbaana 14,2023tti dorgommii biyyoolessaa fi idil addunyaarraa ittifameera.

Badhaasaa fi qabxiin galmeessises haqameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.