Fana: At a Speed of Life!

Atleet Gudaaf Tsagaayee fiigicha fageenyaa Meetira kuma 1 fi 500 Ispeeniitti gaggeeffameen Riikkardii iddichaa fooyyessite

Finfinnee,Gurraandhala 24, 2014 (FBC) –Fiigicha Tuurii Mana Keessaa addunyaa Viilaa Dii Maadriiditti gaggeeffameen Atleetoonni Ityoophiyaa Koorniyaa lamaniinuu milkaa’an.
Dorgommii sadarkaan warqee laatameef guyyaa kaleessaa Fiigicha Tuurii Mana Keessaa addunyaa Ispeen Viilaa dii Maadridiitti gaggeeffameen Atleetoonni Ityoophiyaa Koorniyaa lamaniinuu milkaa’aniiru.
Fiigicha fageenya Meetira kuma 1 fi 500 dubartoota gidduutti gaggeeffameen Atleet Gudaaf Tsaggaayeen daqiiqaa 3:57:38 tiin xumuruun Riikkardii Iddichaa fooyyeessiteerti.
Hiruun Mashashaan daqiiqaa 4:02:22 xumuruun sadarkaa 2ffaa, Fireewayiinii Hayiluu daqiiqaa 4:03:38 sadarkaa 3ffaan xumuraniiru.
Haaluma walfakkaatu dorgommii fageenya Meetira kuma 3 dhiiroota gidduutti gaggeeffameen Atleet Salamoon Baraggaa daqiiqaa 7:34:03 xumuruun yoo injifatu, Atleet Lammeessaa Girmaa daqiiqaa 7:344:09 sadarkaa 2ffaa, atleet Addisuu Yihuune ammoo sadarkaa 6ffaan xumuruu ragaan Federeeshinii Atleetiksii Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.