Fana: At a Speed of Life!

Atleet Taammiraat Tolaan fiigicha walakkaa maaraatoonii Niwuukaasilitti gaggeeffame injifate

Finfinnee, Qaammee 5, 2015 (FBC) – Atleet Taammiraat Tolaan fiigicha walakkaa maaraatoonii Ingiliiz magaalaa Niwuukaasilitti gaggeeffame injifateera.

Fageenyicha daqiiqaa 59:58 xummuruun yoo injifatu, Atleet Muktaar Idiriis ammoo sadarkaa 3ffaan xumureera.

Atleetiin Beeljiyeem Bashir Abdiin 2ffaan yoo xumuru, lammiin Ingiliiz dhalataan Somaaliyaa Moo Faaraahi sadarkaa 4ffaan ba’uun xumuruu BBCn gabaaseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.