Fana: At a Speed of Life!

Atleet Yoomiif Qajeelchaan fiigicha daayimand liigii Oslootti fiigame injifate

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2015 (FBC) – Atleet Yoomiif Qajeelchaan fiigicha daayimand liigii halkan edaa Noorweey magaalaa Oslootti fiigame injifateera.

Dorgommii meetira kuma 5 dhiiroota gidduutti gaggeeffame Atleet Yoomiif Qajeelchaan daqiiqaa 12 fi sekondii 41 fi maayikiroo sekondii 73 xumuruun sa’aatii fooyya’aa dhuunfaa isaa galmeessuun injifateera.

Yoomiif Atileetii Yugaandaa Jaakob jedhamu waliin walqixxa kan bahan fakkaatus suuraan adda bahuun injifannoon Yoomiif mirkanaa’era.

Atleet Birqee Hayyaloom fiigicha fageenya maayila 1 dubartoota umrii waggaa 20 gadii gidduutti gaggeeffame riikkardii addunyaa haaraa galmeessuun injifachuu ragaan ‘World Athletics’ irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.