Fana: At a Speed of Life!

Atleetoonni Ityoophiyaa fiigicha gulaallii fi xumuraa har’a gaggeeffamurratti ni eegamu

Finfinnee, Adoolessa 27, 2014 (FBC) – Atleetoonni Ityoophiyaa fiigicha gulaallii fi xumuraa Shaampiyoonaa Atleetiksii Addunyaa umrii waggaa 20 gadii har’a Kolombiyaa Kaaliitti fiiggamuun ni eegamu.
Fiigicha gulaallii meetira kuma 3 har’a waaree booda sa’aatii 11:00 irratti gaggeeffamuun Atleet Abdiisaa Fayyisaa fi Malkeenahi Azzazaa Ityoophiyaa bakka bu’uun ni hirmaatu.
Sa’aatii11:35 irraatti ammoo fiigichi gulaallii gufachiisaa meetira kuma 3 dhiiroota gidduutti gaggeeffamuun Atleet Saamu’ee Fireew fi Saamu’eel Dugunaan kan eegamaan yoo ta’uu, Halkan sa’aatii 7:55 irratti fiigichi xumuraa meetira 1500 dhiiroota fi sa’aatii 8:10 irratti fiigichi xumuraa meetira 800 dubartootaa ni gaggeeffama.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.