Fana: At a Speed of Life!

Ayyaana lid Shawwaalaa bifa ho’aan kabajuuf qophiin xumuramuu ibsame

Finfinnee, Ebla 7, 2016 (FBC) – Ayyaana lid Shawwaalaa bifa ho’aan kabajuuf qophiin xumuramuu Biiroon Aadaa, Hambaa fi Tuurizimii Naannoo Hararii beeksiise.
Naannichatti qophiin kabaja Iid Shawwaalaatiif godhamaa ture xumuramuu hogganaan Biiroo Aadaa, Hambaa fi Tuurizimii Naannoo Hararii Obbo Tawaleda Abdoosh himaniiru.
Ayyaana Iidni Shawwaalaa mata duree “Tokkummaa sabdaneessummaa keenyaa fi guddina turizimii keenyaaf” jedhuun kabajama.
Ayyaanni bara kanaa guyyaa ayyaanichi UNESCOn galmaa’eetti aanee kan kabajamu ta’uu ibsuun, kunis adda kan taasisu ta’uu ibsaniiru.
Kabajni ayyaanichaa qabiyyee aadaa isaa eegee bifa tokkummaa sabdaneessummaa cimsuun sabaa fi sablammoota garaagaraa waliin kan kabajamu ta’uus eeraniiru.
Ayyaanni kun festivaala aadaa, simpooziyeemii, marii waraqaa qorannoo, fi agarsiisa daandii irratiin kan kabajamu ta’a jedhan.
Kana malees, namoota kabajni ayyaanichaa UNESCOn akka galmaa’u taasisaniif sagantaan beekamtii kennuu kan gaggeeffamuu ta’uu ragaan BKNH irraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.