Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Cuuphaa kabajame

Finfinnee, Amajjii 11, 2012 (FBC) – Jaalalaa fi tokkummaa biyyaa itti fufsiisuuf hunduu harka walqabatee socho’uu qaba jedhan paatriyaarkiin Ortodooksii Ityoophiyaa qulqulluu Abuna Maatiyaas.
 
Ayyaana Cuuphaa hambaa kiliyaa addunyaa Dhaabbata Barnoota, Saayinsii fi Aadaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ta’ee galmaa’e kunuunsuun dhalootaf dabarsuun ni barbaachisa, ayyaanichi hambummaan galmaa’uu isaatin baga gammaddan jedhaniiru.
 
Ityoophiyaanonni jaalala, dhiifamaa fi tokkummaan misoomaa fi guddinaaf akka waliin dhaabbatanis waamicha dhiyeessaniiru.
 
Ayyaanni Cuuphaa hordoftoota amantaa Ortodooksii Ityoophiyaa biratti guutuu biyyattiitti kabajameera.
 
Ayyaanichi yaadannoo cuuphaa Iyyasuus Kiristoos Galiilaarraa gara laga Yoordaanoos bu’ee Yoonaannis Cuuphaan kan itti cuuphame yaadachuuf waggaa waggaadhan Amajjii 11 kabajamee oola.
 
Taabotoonnis kaleessa bakka bulmaata isaanitii hordoftoota amantichaatin dabaalamanii gara bakka sirni cuuphaa itti gaggeeffamutti bu’uun kan bulan yammuu ta’u, har’ammoo gara bulmaata isaaniitti kan deebi’an ta’a.
 
Ityoophiyaan hambaalee kiliyaa addunyaa Dhaabbata Barnoota, Saayinsii fi Aadaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti galmeessifatee keessaa ayyaanni Cuuppaa isa tokkodha.
 
Ayyaanichi Jaan Meedaatti(Hurufa Doobbii) bakka paatriyaarkiin Ortodooksii Ityoophiyaa Abuna Maatiyaas, itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaa, hordoftoonni amantichaa, tuuristoonni, qondaaltonni federaalaa fi hoggansi magaalaa Finfinnee argamanitti kabajameera.
 
Itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee ayyaanicharratti argamuun ergaa dabarsaniin, ayyaanni Cuuphaa hambaa fi qabeenya addunyaa ta’uu isaatin baga gammaddan jedhaniiru.
 
Ayyaanichas kunuunsuun tursuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.
 
Cuuphaarratti Iyyasuus Kiristoos gadi jedheet harka namaatin cuuphame, kun ammoo gadi jennee biyya keenya tajaajiluun ummataa fi biyya keenya ol qabuu akka qabnu kan irraa barannudha jedhan.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.