Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Cuuphaa rakkoo nageenyaa tokko malee karaa nagaan akka kabajamu qophii ga’aan taasiifame – Komishinii Poolisii Finifinnee

Finfinnee, Amajjii 8, 2014 (FBC) – Ayyaanni Cuuphaa rakkoo nageenyaa tokko malee karaa nagaan akka kabajamu qophii ga’aan taasiifamuu Komishiniin Poolisii magaalaa Finifinnee beeksiiseera.

Ayyaana Cuuphaa karaa nagaan kabajuuf Poolisiin, caasaaleen nageenyaa fi dargaggoonni magaalichaa haala gurmaa’een qophiin taasiifamuu Komishinii Poolisii magaalaaa Finfinneetti Daayreektaarri hariiroo ummataa Komaandar Faasikaa Faantaan ibsaniiru.

Kabajni ayyaanichaa karaa nagaan akka xumuramu dargaggoonni naannoo isaanii eeguun tumsa barame taasiisuu cimsanii itti fufuu akka qaban Komaandar Faasikaan gaafataniiru.

Hawaasni wayita waan nama shakkisiisu arge lakkoofsa bilbilaa bilisaa 991 fi 0111110111akkasumas buufataalee poolisii kutaalee magaalaa hundaatti qaamaan argamuun eeruu laachuu kan danda’an ta’uu ibsaniiru.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.