Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Daamaraa Masqalaa nagaan xumuramuu Koreen Waloo Nageenyaa beeksise

Finfinnee, Fulbaana 17, 2015 (FBC) – Ayyaanni Daamaraa Masqalaa guutuu biyyattiitti  karaan nagaan kabajamee xumuramuu Koreen Waloo Nageenyaa beeksise.

Korichi hojii dursanii ittisuurratti humna namaa hedduu bobbaasuun uummata, abbootii amantaa Mana Amantaa Tawaahidoo Ityoophiyaafi koree qopheesituu ayyaanichaa waliin qindoominaan hojjechuu isaatiin ayyaanichi guutuu biyyattiitti karaa nagaan kabajamee xumuramuu eereera.

Qaamolee ayyaanichi karaa nagaan kabajamee akka xumuramuuf gahee isaanii bahatan mara galateeffateera.

Deeggarsa uummanni naannawaa isaa dammaqinaan eeguurratti taasisaa jiru ayyaanota uummataafi amantaa gara fuula duraatti kabajaman irrattis cimsee akka itti fufu waamicha dhiyeesseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.