Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Daamaraa Masqalaa namoota muraasan kabajama

Finfinnee, Fulbaana 16, 2013 (FBC) – Ayyaanni Daamaraa Masqalaa namoota muraasan kabajama.
Ayyaanichi tamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuu ilaalcha keessa galchuudhan magaalaa Finfinnee Addabaaba’ii Masqalaatti namoota muraasan kabajama.
Jala bultiin ayyaana Masqalaa; ayyaanni Daamaraa akkaataa weerara vaayrasii koroonaa ittisuun danda’amuun, namoota muraasan of eeggannaadhan kan kabajamu ta’a.
Ortodooksii Ityoophiyaatti koominikeeshiniin lallaba Finfinnee Malaaka Hiywat Abbaa Waldayyasuus ayyaanichi tamsa’ina koroonaa ittisuuf jecha namoota muraasan of eeggannaadhan kabajama jedhan.
Haaluma kanaan haguuggii afaanii fi funyaanii kaawwachuun, fageenya ofii eeggachuun akka kabajamu dhaamaniiru.
Iddoolee kaanittis haaluma walfakkaatun of eeggannaadhan, haguuggii afaanii fi funyaanii kaawwachuun, fageenya walii eeguun kabajama jedhan.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.