Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Iid Al Adiha guutuu biyyaatti kabajamaa jira

Finfinnee, Adoolessa 24, 2012 (FBC) – Ayyaanni Iid Al Adiha (Arafaa) waggaan 1441ffaan guutuu biyyaattiitti sirna hoo’aa ta’een kabajamaa jira.
 
Hawaasni Musiliimaa ayyaana kana yeroo kabaju walii yaaduu fi wal gargaaruun kabajuu akka qaban Preezdaantiin Mana Maree Islaamummaa Waliigala Ityoophiyaa Hajii Muftii Umar Indiriis ergaa dabarsaniiru.
 
Yeroo rakkisaa kanatti waan qaban walii qooduun obboleeyyan isaanii waliin kabajuu akka qabanis ergaa dhaamaniiru.
 
Ayyaanni Arafaa ayyaana waan qaban walii qooduun, walii yaaduu fi jaalalaa fi tokkummaan kabajamuudha jedhan.
 
Yeroo ammaa lammiileen hedduun sababa weerara vaayrasii koroonaan rakkoo garaagaraaf saaxilamuu kan ibsan Hajii Muftii Umar Indiriis, namoota kanneeniif waan qaban qooduun waliin kabajuun barbaachisaa ta’uu dubbatan.
 
Hawaasni Musiliimaa weerara vaayrasii koroonaaf of eeggannoo cimaa taasisuun kabajuu akka qabanis dhaamaniiru.
 
Ayyaanni Arafaa barakanaa wayita guutinsi bishaan Hidha Haaromsaa marsaan jalqabaa xumurametti kabajamuun gammachuu dabalataati jedhan.
 
Ayyaanni Arafaa iddoo Addaamii fi hawwaan itti walga’an ta’uu kan ibsan Hajii Muftii Umar Indiriis , ayyaanichi Nabiyyuulaahi Ibraahiimii fi Isimaa’eelii eegalee kabajamaa kan ture ta’uu ibsaniiru.
 
Maddi:-TOI
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.