Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni injifannoo Adwaa 125ffaa marii viidiyoo konfiraansiitin Awustaraaliyaatti kabajame

Finfinnee, Gurraandhala 21, 2013 (FBC)-Ayyaanni injifannoo Adwaa 125ffaan qopheessummaa Embaasii FDRI tiin Awustaraliyaatti marii viidiyoo konfiraansiitin kabajameera.
Maricharratti kan hirmaatan daayreektarri olaantuu Ejansii Diyaaspooraa Ityoophiyaa aadde Salaamaawwit Daawwit ayyaanni injifannoo Adwaa Ityoophiyaanoota hundaaf injifannoo fi faajjii bilisummaa ummaattoota Gurrachaati jedhaniiru.
Yeroo amma irraa jiramuus kan yeroo kamii caalaa tokkummaan Ityoophiyaanootaa kan gaafatuu ta’uu ibsuun, Ityoophiyaannoonni hundi murannoon ijaarsa hidha haaromsaa guddichaa eegalee xumuruudha qabu jedhaniiru.
Garagraan proofeeseera Abbabaaw Ayaaleew bareeffama marii ‘ka’uumsa, adeemsaa fi bu’aa injifannoo Adwaa, jedhu dhiyeessaniiru.
Waltajjicharratti dhalattoonni Ityoophiyaa fi Ityoophiyaannooni Awustaraaliyaa fi Niwuzlaand jiraatan hirmaataniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.