Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni injifannoo Adwaa waggaa 125ffaan magaalaa Finfinneetti kabajameera

Finfinnee, Gurraandhala 23, 2013 (FBC) – Ayyaanni injifannoo Adwaa waggaa 125ffaan magaalaa Finfinnee Addabaabayii Masqalaa fi Addabaabayii Minilik 2ffaatti kabajameera.
Qonnaan Bultoonniifi jiraattoonni Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee hedduun kallattii hundaan ayyaana kana kabajuuf Fardeen isaanii waliin Finfinneetti argamaniiru.
Ayyaannichi agarsiisa Fardaa fi Sirnoota garaagaaraan ni kabajameera.
Kabaja ayyaanichaa Addabaabayii Minilik 2ffaatti gaggeeffamaa jirurratti Preezdaatiin FDRI Saahilawarq Zawdee, itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanachi Abeebaa, Ministirri Ministeera Aadaa fiTuuriizimii Dooktar Hiruut Kaasaaw dabalatee gootoonnii fi keessummoonni waamichi taasiifameef argamaniirru.
Addabaayi Masqalaattis bakka Preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa, hoggantoonni olaanoon Federaalaa,geggeessitoonni olaanoo mootummaa naannoo Oromiyaa, Preezdaantiin Waldaa gootota Ityoophiyaa Lij Daani’eel Jootee, Abbootii Gadaa, haadholiin siinqee, ministiroonni, diippiloomaatotaa fi jiraattoonni Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee hedduun Fardeen isaanii qabachuun argamanitti kabajameera
Ayyaanni injifannoo Adwaa waggaa 125ffaan kun guutuu biyyattiitti sirnoota garaagaraan kabajamuu ibsameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.