Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanoonni Kataraa fi Cuuphaa nagaan akka kabajamuuf qophiin xumuramee gara hojiitti galamuu ibsame

Finfinnee, Amajjii 7, 2013 (FBC)-Ayyaanoonni Kataraa fi Cuuphaa bara kana nagaan akka kabajamuuf qophiisaa xumuree gara hojiitti galuu Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee beeksise.
Hawaasni nageenya milkeessuuf tumsi taasisaa jiru cimee akka itti fufuus komishinichi waamicha dhiyeesseera.
Komishinichi ayyaanoonni kunneen nagaan kabajaamanii akka xumuramaanif hojii yakkaa fi balaa tiraafikaa ittisuuf xiyyeeffannoo laachuun humna namaa hedduu bobbasuu ibseera.
Bakka kabaja ayyaanichaa Jaan Meedaatti (Hurufa Boombii) itti buufata poolisii yeroo banuun tajaajila akka laatuus ibseera.
Richiiti dhukaasuun farreen nageenyaaf haala mijataa waan uumuuf richiiti dhukaasuun kan hin danda’amnee ta’uus ibsameera.
Haawasni rakkoo nageenyaan wal qabsiisee wantoonni shakkisisaan yoo muul’atanii fi tajaajila poolisii argachuuf sararoota bilbilaa 01-11-26-43-77 ፣ 01-11-26-43-59 ፣ 01-18-27-41-51 ፣ 01-11-11-01-11 fi sararaa bilbilaa bilisaan 991 fayyadamuu ni danda’uu jedhera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.