Fana: At a Speed of Life!

Baalee Bahaatti hongeen muudachuu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 14, 2014 (FBC) – Godina Baalee Bahaatti Hoongeen namaa fi beelladarran miidhaa qaqqabsiisuu ibsame.

Godinichatti sababa hanqina roobaatiin hongee umamee hordofuun nama fi beelladarran miidhaan ga’aa jiraachuu

Horsiisee bultoonni anaalee Daawwee Sararii fi Raayiituu sababa roobni yeroo isaa eeggatee roobuu dhabuurraan kan ka’e hanqinni nyaata namaa fi loonii mudachuu ibsaniiru.

Bulchaan aanaa Daawwee Sarar obboo Ahmad Hasan ji’oottan jahan dabraniif roobni osoo hin roobiin hafuu eeraniiru.

Sababaa kanaan hongeen mudachuu himaniiru.

Loon nyaata dhabuun gaaga’amaaf saaxilamaa jiraachuus himaniiru.

Hawaasni rakkoo bishaan dhugaatii hamaas saaxilamuu kaasaniiru.

Sababa hanqina bishaan dhugaatiif manneen barnootaa caalmaan cufamuus obbo Ahimad dubbataniiru.
Deeggarsi dhiyaachaa jiru rakkoo muudateen kan walhin madaalle ta’uu eeraniiru.

Waajjirri hoggansa sodaa balaa Godina Baalee bahaa gama isaan sodaan horsiisee bultootaa sirrii ta’uu ibsuun,rakkichi xiyyeefannoo kan barbaadu ta’uu himeera.

Itti Gaafatamtuun Waajjira Hooggansa Sodaa Balaa Godina Baalee Bahaa Aadde Haragnash Alamee, akka godinichaatti namoonni kumni dhibbi 3 fi kumni 97 fi 715 sababa hanqina nyaataatiin beelaaf saaxilamuu akka malu koree hoggansa soda balaatiin adda baafamuu himan.

Akkasumas beelladoonni miiliyoona 2 ol sababa hongee kanaaf kan saaxilaman ta’uu tilmamameera jedhan.

Qaamonni Mootummaa sadarkaan jiraniif qooda fudhatoonni dhiheessii dawaa,nyaata namaafi beeladaa arjoomuun rakkoon sababa hongeetiin ga’uu malu xiqqeessuuf tumsuu akka qaban dhaamaniiru.

Maddi:TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.