Fana: At a Speed of Life!

Baankichi damee qonnaa deeggaruuf fooyyessa tilmaama dhala liqii taasise

Finfinnee, Sadaasa 20, 2016 (FBC)-Baankiin Misoomaa Itiyoophiyaa tarkaanfiilee mootummaan damee qonnaarratti fudhachaa jiru milkeessuu fi invastimantii damichaa babal’isuuf fooyyessa tilmaama dhala liqii xaa’oo taasisuu beeksiseera.

Fooyyeessi taasifames tajaajiloota liqii faayinaansii liizii fi pirojektii kan dabalatu ta’uun ibsameera.

Pireezidaantiin baankichaa Dooktar Yohannis Ayyaalawu akka jedhanitti lafa hinmisoomne misoomsuuf, abbootiin qabeenyaa, qonnaan bultoonnii fi horsiisee bultoonni akka onnataniif, damee qonnaa xixiqqaa, giddugaleessaa fi koorporeet pirojektiin liqii kan gaafataniif dhala xaa’oo %11.5 irraa gara %7’tti gadi buusuu himaniiru.

Baankichi fooyyessa dhala liqii taasisuun, damee oomishaarratti dhaabbileen bobba’an hanqina dhiyeessii meeshaalee dheedhiin dandeettii oomishuu isaanii gadaanaa ture fooyyessuu kan gargaaru ta’uu dubbataniiru.

Kana malees, oomishalee sharafa alaan galan hir’isuutti dabalataan, damichaan biyyattiin sharafa alaa akka argattu kan tumsu ta’uu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.